Hidhaa Seexaa I
18 pages
English

Vous pourrez modifier la taille du texte de cet ouvrage

Découvre YouScribe en t'inscrivant gratuitement

Je m'inscris

Hidhaa Seexaa I , livre ebook

-

Découvre YouScribe en t'inscrivant gratuitement

Je m'inscris
Obtenez un accès à la bibliothèque pour le consulter en ligne
En savoir plus
18 pages
English

Vous pourrez modifier la taille du texte de cet ouvrage

Obtenez un accès à la bibliothèque pour le consulter en ligne
En savoir plus

Description

This was first published in English as "Prison of Conscience". It is now presented in Afaan Oromo with some addition and expansion. For the Oromo nation the more than a hundred years of Amaaraa Ethiopian occupation had been a hell. Killings, tortures and disappearances were common place. Their land was grabbed, their culture erased, their language suppressed, they were turned to serfs and their identity was denied, their freedom deprived. Relentless struggle was waged to reverse the situation and much had been achieved towards it. This book is about experience of a prisoner who went under the most inhuman treatment in torture rooms and isolated from the world for about ten years. And also, about empire Ethiopia that knows no human rights and even human conscience was kept under suppression. All about the empire and Darg prison are contained in two volumes of this book in brief. The said prisoner had a chance to revisit Maa'ikalaawii under EPRDF government that replaced the Darg. List of prisoners of the previous detention is also given as appendix. Read it and there are more to discover.

Kun waa'ee hidhaa Dargii jalaa kan nama hidhicha keessa gara waggaa kudhaniif hidhameen dhihate. Dubbisaan caalaatt empayericha akka hubatuuf qabatteen dabalaman jiru. Hidhamtich erga Dargiin badees ADWUI jalatt hidhamuun Maa'ikalaawii deebi'ee daawwachuuf carra argatee ture. Baruma dhaabota Oromoo irra waan ga'an gabaabaatt tuqamanii jiru. Dhuma irratt akka sutaatt tarreen hidhamtoota Oromo bara sanaa dhihaatee jira.

Sujets

Informations

Publié par
Date de parution 28 avril 2021
Nombre de lectures 0
EAN13 9781636250106
Langue English
Poids de l'ouvrage 8 Mo

Informations légales : prix de location à la page 0,0750€. Cette information est donnée uniquement à titre indicatif conformément à la législation en vigueur.

Extrait


H idhaa SEeXAA
MAA’KALAAWII MOORAA GUBBAA MANA HIDHAA FI DUDHAA GOOLII
 
QABAA I
Ibsaa Guutama

 
SILVER SPRING MD
2020
Mirgi Akkaasaa © Ibsaa Guutama 2020
Copy Right © Ibsaa Guutama 2020
Mirgi halle kan eegame. garri moor kanaa kamuu deebisee Hoomishamuu, sirna keessa deebi ’ uun kuufamuu yk kara elektronik Kamiinu, makiinaan, akkasifaa fi waraabbiin yk akka biraatt dursanii Hayyama abbaawaa utuu hin argatin hin danda ’ amu
Maxansa duraa 2020
All rights reserved. No part of this book may be reproduced, stored in a retrieval system or by any means electronic, mechanical, photocopying, and recording or otherwise without the prior written permission of the author.
First print 2020
Library of Congress Cataloging-in-Publication Data
Guutama, Ibsaa.
Hidhaa Seexaa
Maa ’ ikalaawii mooraa gubbaa
Mana hidhaa fi duudhaa foolii
qabaa I
P.CM.
Dhahata Morquwata fi Sutaa dabalata
Includes, Bibliographical Reference and Appendix
ISBN 978-63625-010-6
Library of Congress Control Number: 2020922738
Lakkoofsaa Too ’ annaa Laybrarii Kongress 2020922738
 
DIRIIRA QABEE
QOOQAA QOOQOTA HAARAA/GLOSSARY OF NEW WORDS
Fuulduree
Dura Buusa
Boqonnaa 1: Itiyoophiyaa Durii fi Ammaa
Daga AdwAa
Maddaa fi Guddifata Maqichaa
Waa’ee Oromoo
Mootummaa Empaayerii jalatti
Boqonnaa 2: Karaa Bulchootaa
Boqonnaa 3: Abbootii Hirree
Tewodroos
Yohaannis (1871-1889)
Minilik (1889-1913)
Iyyaasuu fi Tafarii
Zawudituu (1916-1930)
HaayilaSillaasee (1930-1974)
Dargii (1974-1991)
Wayyaanee/ADWUI
OPDO/EPRDF
Boqonnaa 4: Dhiibbaa abba hirrummaa
Karaa Masaka Badde
Boqonnaa 5: Sochii Barattootaa
Guddina Ofbara Oromoo
Barattoota Itiyoophiyaa keessaan
Boqonnaa 6: Soba ofii dhugeeffachuu
Dhama’a Dheessa Goree
Barbaachisa Ofqoraa
Boqonnaa 7: Dhufa Dargii fi Balaa duukaa dhufe
Jalqaba
Deebisanii ijaaruu
mARAAMMARTOO Habashoota keessaa
Fincilli suuka’aa dhufuu
bu’uurfama ABO
Murna murnatti wal funaanuu
Goolii dhuunfachuu
Roorroo fi baqannaa
Boqonnaa 8: Gaaffii Oromoo
Seenaa waliigalaa
Gaaffii Gara Bahaan dhi’aate
Gaaffii gara Dhihaatii dhiyaate
Gaaffii tokkummaan dhiyaachuu eegale
Boqonnaa 9: Goolii Waaltessuu
‘Liyyuu Mirmaraa’
Hidhaa, Gochaa fi Caasaa
Boqonnaa 10: Mooraa Gubbaa
Diriira Hidhaa
Dilii Culullee
Suuqa bishaanii (SB)
Mana Waldhaansaa
Mana Oromoo (Lk. 1)
Mana Loltuu
Haala Hidhaa
Dhahata
SUTAA
 
QOOQAA QOOQOTA HAARAA/GLOSSARY OF NEW WORDS
Danuu
Accident; Much
Faarmullis
Syndrome
Fakmishoo
Model
Falafayyaa
Hygiene
Feccoo
Detail
Fixaqaccee
Genocide
Galmistaana
Church
Giixaruu
Toil
Dudhama
Commitment
Erbaala
Paper
Finnaa
State
Gangal
Gear
Hamilata
Project
Hidhata
Coalition
Hinnata
Perception
Hisataa
Activist
Iddoosuu
Represent
Iggitii
Assurance
Indoosuu
Invest
Irba
Vote
Iyyaatii
Information
Jibbuhaqaa
Censor
Jija
Achievement
Jireenyhimii
Biography
Kennata
Election
Koyinoo
Interpreter of Qaalluu
Koyinu
Interpret
Kumkuma
Million
Labee
Bircular letter
Lafqu’ina
Geographical
Lafquwii
Geography
Manii
Goal
Maccallaatoo
Carpet
Malbeekii
Diplomacy
Malbulcha
Politics
Malifaa
Reason
Manyaa
Ocean
Mikkillee
Frame
Mirkanbeekii
Science
Moor
Book
Mukubaa
Hobby
Nafii
Value
Nambiyyaa
Citizen
Nokkorroo
Debate
Orma
People; Alien
Ofiinjiroo
Entity
Ofjireehimii
Autobiography
Qajeeltuu
Justice Qubarsdhabaa
Qubqabsiis
Media
Robaduu
Weather
Sabgidduu
International
Safeeffuu
Moral
Seerra
Grade
Shifoo
Minute
Sutaa
Appendix
Sarar
Pen
sararuu
scribble, Write
Tarafbaallee
Airplane
Toyeqor
Laboratory
Tuttumee
Typist
Ujuu
Adorable, Icon
Umlafqu’a
Geology
Umsatummaa
Creativity
Waabarii
School
Waatattaa
Material
Yaayyoo
Map
 
Fuulduree 1
Hojii kana keessatti seexaa jechuun suukii bilisaa lubbuu ofii keessaa dhiibbaa alaa malee maddee hamaa fi tolaa ittiin madaallatan jechuudha, kan Inglishiin “ conscience ” jedhan. Hojiin kun hoomisha bulcha goolii Dargii bara dhibba kudha sagalii fi saddeettamoota keessaati. Barruu goolicharratti dhi ’ aate miti; garuu toora seenaa keessa galchanii agarsiisuun yaalameera. Ilmaan namaa akka kosiitti ilaalamuun bakkayyuutti darbatamaa jirachuun seenaa Empaayera Itiyoophiyaa keessatti beekamaadha. Namoota gara caalaniif mirgi akkamiiyyuu kan yaadamu hinturre. Abbootiin hirree (Bulchoonni) kan barbaadan sammuu namaa keessaa dhagna yaaduu danda ’ u hunda haqanii akka buqqee hadhooftuu isaan kan barbaadan qofa kan yaadatu gochuudha. Uumaa namaa “ roobootii ” isa jedhamu gochuu jechuudha.
Gabbaaronni lubbuu, qabeenya humnaa fi eenyummaasaanii saamamanii yoo guddate sadarkaa meeshaa manaatti bu ’ anii jiraatan. Saboota jaarrota darban roorroo kanaaf saaxilaman keessaa Oromoon harka caalu miidhame. Kanneen seexaan isaanii roorroo fi dhuunfatamuu kanaaf gugguufuu dide daba namummaa ba ’ aa kana unachuuf adda duree yoo ta ’ an, kanneen seexaasaanii gurguranii qoomma ’ aa jiraachuu yaalanis yeroof malee hireen isaanii dhumaa adda ta ’ ee hin beeku.
Namoonni hidhaman gidiraa guddaa booda lubbuu saanii dhabu. Kanneen lubbuun hafan yabboon galma eegamaatti tuutaan olguuramanii akka of saxilanii fi wal saaxilan dirqisiifamaa turan. Yoo didan carraa hamaan caalu akka irra gahu muuxannoon arganiiru. Gurmeesa yabbichaan daafuun yakka hin uumne yk uumuufillee hin yaadne amananii ofiin maqaa of yakkaa bahan. “ Maariiny Abiyootee ” jedhanii of salpisaa turan. Lammiin achii bahee akka falfallii irra marfamee joonjee yk hollachiisaan fi hadoochaan kan isarra hin gahin hin turre. Yeroo yaadatamuu kaasee, akkasuma ta ’ aa jiraate. Ammas bifa gegeedarataa, keessaayyuu jarri seenaa, aadaa, afaanii fi dhugeeffannoon isaanii Habashaarraa adda tahee maal tolchaniin utuu hin ta ’ in, maal yaaddaniinillee seexaan isaanii qoratamaa jiraata.
Dargiin ifaan bulcha goolii labsate. Dhadannoon ‘’ Qayyi Shibbir Yifafaam ’’ (Goolii diimaan haa belbelfamuu) jedhu keenyan manaa fi dallaa hundarratti maxxanfamaa ture. Barichi nama hedduu qorumsatti galchee sodaan hamileen isaanii cabee akka qaaniin jiraatan tolcheera. Hammenya ilmoo namaarraan geessifamu kanaaf manni hidhaa fi qorqoraa guddichaa fi wiirtuu karaa sulultaa irratti argama. Maaliif mil ’ attan jedhamnaa laataa jechuun karaa sanarra deemuullee kan lagatan turan. Hedduun, akka hariiroo tokkollee namoota hidhaman waliin hin qabnetti of dhiheessaa bahan. Akka waliin hin dhalanne, akka waliin hin baranne, akka waliin hin bashannane, kan haaluu yaalanis turaniiru. Jarri kun osoo Dargiin itt hin dhufin, hamleen du ’ anii eeggataa jiraatan. Amantummaan isaanii kan mamii hin qabne tahuu Dargiif hojiin mirkaneessuu barbaadu. Kanaaf utuu hin waamamin kan owwaatan hedduu turan. Namoonni akkasii kun firoota hidhamtootaa bakka argan hundatti ildiimuu fi doorsisuu hojii godhatanii turan. Fedha ofiin kaka ’ anii kanneen isaan mankaraarsanitt dabalamuun qaamaa fi arrabaan guraaraa turan.
Duraan amantee qabna jedhanii fakkeessaa jiraatanillee, hedduun gola waaqanbeeknee (Isapa 2 ) kessatti galmeeffamuudhaaf wal caccabsaa bahan. Sana gochuun namummaa qofa osoo hin tahin Waaqa isaaniis gananii turan jechuudha. Safuu lammiin saanii ulfinaan tissu illee mamii jala akka galu tolchanii turan. Kanneen miseensa goolichaa (ISP) tahufillee ulaagaa guutuu dadhaban akka nama waan raatessu irra marsanii, Dargi gula yaa ’ aa bahanis jiru. Erga Dargiin bade “ ani ISP ” hin turre jedhanii, waan tahuuf gorora isaanii coccobsaanii dhaban, akka jabduutt kan himatanis jiru. Hacuuccaa hamaan akkasii kun waan wal irraa fagoo lama uume- juujuu fi didaa. Didaan gaaratti qajeele; yookaan mana hidhaa jira. Cunnurrii, cunqursaaf eegee raasaa hanga yeroon qaaniin kosiitti darbaman dhufutti darabee eeggatu turan. Hin hafnee hedduun isaanii ni hidhaman. Jarreen akkasii akkuma hidhaatti darbatamaniin miilla tokkoon ijaajjani Waaqa isaanii durii ammas gowwoomsuuf araara gaafachutti ka ’ an.
Haala qoraa akkana jiru jalatti, namoonni muraasi, odoo diinni ilmoo namaatti roorrisuu dura daabbachuun kanneen itt dabaman gargaaraa bahanis jiru. Hidhamaa hundaaf laalaa fi gaagaa fudhachuun, waan jajjabeessaniif daawwatooti hin irraanfatamnes jiru. Barreessaan kun namoota akka Dassaaliny Alamayyehu Siyyum kan tararaa golaarra tarkaanfatee gaafachaa bahee fi waggaa kudhan galaa dhiheesseef, Taaddasaa Lamuu fi Tarrafaa Luboo yeroo firri dhiigaallee irraa qoollifatu gaaga ’ a isaan fudhatanii gaafataniif, Ayyalachi Tarfaa, fira qabeenyaan hiyyeettii sammuun soorettii taate, waan qabdu irraa akaayii guduunfattee kan gaafachaa turte, Addunyaa Abbaahooyi kan garagarummaan sabummaa gara laafina namummaa saatti danqara hin tahin, hunda caalaa immoo Abraham Tagany fayyaa dhabuun isaa kan isa hin komachiifne tahuu osoo beekuu akkuma tahetti okkalaa deddeebi ’ ee waa qabatee gaafachuu isaa waan garaa hin badne. Nammi hiriyaa waabarii Olaanaa ture kun yero barreessaan kun deebi ’ ee hidhame hanga gaddhisaatti biraa hin hafne. Nammi kun kan Oromiyaatti dhalatee guddateef dantaa Oromiyaaf dhaabbachuun dhiigaan akka hin dangahamne mirkaneesse. Barreessaan kun yeroo inni du ’ e awwaaluuf carraa dhabuusaatiin yeroo hunda gaddi itti dhagahama. Kan gaafatanii ergaan isaanii karaatti jala hafees akka jiran beekamaadha. Karaa biraatinimmoo haadholiin warraa baayyeen abbootii warraa hidhaman hin bahan se ’ anii akka ganan seenaan galmeesseera. Obbolaanis obbolaa gananiiru. Firoottan aanteen alagaa bira dhaabbatanii awwaala fira isaanii hidhame, “ farra warraaqsaa ” irratti halagichaaf mana ijaaruuf dhaadataa bahan hedduu turan.
Asirratt seenaa darbe kan kaafnu dabeessa fi galtuu komachuuf miti. Gootota of dabarsanii waan seexaan isaanii ajajeef dhaabbatan faarsuuf malee. Kanneen nama biraaf jedhanii danqaraa bara hamtuu sanaa keessa turanis jiru. Isaan keessaa kallattiin dubartoota, haadhawarraa, obbolaa, soddaa, hojjettuu, hiriyaa, haadholii fi kkf kaasuun ni danda ’ ama. Hunduu maqaa isaanii kan kudhammachuuf male turan. Hunda ke

  • Univers Univers
  • Ebooks Ebooks
  • Livres audio Livres audio
  • Presse Presse
  • Podcasts Podcasts
  • BD BD
  • Documents Documents